Fana: At a Speed of Life!

Oromoon ofittummaan osoo hin taane madaala eegee rakkoo walii galaaf fala dhaha- obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 ( FBC)- Oromoon ofittummaan osoo hin taane ilaalama guutuun addunyaa hubata, madaala eegee rakkoo walii galaaf fala dhaha jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan duula Ashaaraa Magariisaa ilaalchisuun waamicha dhiyeessaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

Waamicha Pirezidaantiin MNO Ob. Shimallis Abdiisaa Duulaa Ashaaraa Magariisaa ilaalchisee taasisan

Ummanni Oromoo hariiroo jabaa uumaaf uumama waliin qaba.

Uumama qabatee uumaaf galata galcha. Kabaja uumaaf qabu uumama kunuunsuun agarsiisa. Oromoon ofittummaa osoo hin taane ilaalama guutuun addunyaa hubata, madaala eegee rakkoo walii galaaf fala dhaha.

Akka ilaalcha Oromootti madaalli uumaaf uumaamaa yoo dabe rakkootu dhalata. Rakkoon uumamaafi namtolchee madaalaa eeguu dhabuu irraa madda. Oromoon barbaachisummaa madaala eeguu waan hubateef mammaksa isaa keessatti “akka raachi hin duune,akka haroon hin guune” jedhee dhaloota barsiisa.

Aadaa Oromoo keessatti bosona kunuunsuun, biqiltuu dhaabuun, daagaa hidhuun dhiqama biyyee ittisa, gabbina biyyee eega.

Walumaagalatti sirna- ikkoo eeguun lubbu qabeeyyi lafaafi bishaan keessa jiraatan irraa faayidaa argata.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala duudhaa ganamaatti deebi’uu dhugoomsuufi badhaadhina hundagaleessa biyya keenyaa mirkaneessuuf hojiiwwan danuu gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan hojjechaa jira.

Ummanni Naannoo Oromiyaa Waamicha Duula Ashaaraa Magariisaa Muummeen Ministiraa Dr. Abiyyi Ahmad taasisan adda durummaan fudachuun daangaa hanga daangaatti socho’ee biqiltuu gosa addaa addaa biiliyoona 9 ol dhaabuun seenaa hojjetee jira.

Kana qofa otoo hin taane ummanni naannoo keenyaa hirmaannaa Duula Ashaaraa Magariisaa bara 2013 irratti taasiseen guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 350 dhaabuun riikardii haaraa galmeessee jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa hirmaannaa ho’aa ummanni keenya taasisaa jiruuf dinqisifannaa guddaa qaba.

Bara kanas akka naannoo keenyaatti Duula Ashaaraa Magarisaa milkeessuuf biqiltuu biliyoona 4.35 ol dhaabuuf qophiin xumuramee jira.  Haaluma kanaan ummanni naannoo keenyaa Wiixata, Adoolessa 11/2014 Biqiltuu miiliyoona dhibba 4 dhaabuun riikardii dhaabbii biqiltuu bara darbee akka fooyyessitan shakkiin tokko hin qabu.

Guyyaa kana barattoonni, barsiisonni, hojjettoonni mootummaa, qoteefi horsiisee bulaan, daldaltoonni, jiraataan magaalaafi baadiyyaa hundi tokkummaan baatanii dirqama lamummaa keessan biqiltuu dhaabuudhaan Ashaaraa keessan dhaloota keessaniif akka keessan waamichakoon dabarsa.

Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.