Fana: At a Speed of Life!

“Oromoon injifannoo waliin goonfate tikfachuu qaba” – Dooktar Kabajaa Borbor Bulee

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FBC) – Oromoon dhibahummaa keessaa ba’uun, Ilaa fi ilaameen wal hubatee injifannoo waliin goonfate tikfachuu akka qabu hayyuun seenaa Dooktarri kabajaa Borbor Bulee dhaaman.

Duudhaa kana cimsuun egeree Oromoof murteessaa ta’uu hubatee dhaloonni ammaa kunuunfachuu qabu jedhan.

Guddummaan Oromummaa maddiisaa fi ka’umsisaa duudhaa dhalootaa, Aadaa Sirnaa Gadaa, safuufii safeeffannaa kabaja dhala namaa, kaa uumaa fi uumamaan, dhalootaan guddise keessaatti guddatee ijaarsa jabaa akka dhagaachaa tokkummaa fi marartoo , jalaalaacfi kabaja dhalotaatii jedhan.

Oromoon dhuudhaa kana dhibahummaa tokko malee tiksee har’aan akka gahes himaniiru.

Bara jijjiiramu faana iddoo sirni laafaa dhufetti , safuun cabdee, jalaalaa fi walitti dhufeenyi , miirri tokkumaahuu laafuun , wal dhiibuun muldhachuun mallattoo kufaatii guddaa akka tahee akeekan.

Kanaaf dhaloonni har’aa kana hubatee hundee duudhaa sirnichatti deebi’uun ijaarsa dhalootaa irra deebiin cimsee guddinnaa fi angafummaa isaa turfichuu akka qabuu hubachiisaniiru.

Gootummaaf jabina waliis waliif utubuu akka qabus dhaamaniiru

Tokkummaa Oromoo cimsuuf waliin mari’achuun murteessaa ta’uus himuu isaanii OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.