Fana: At a Speed of Life!

Oromiyatti misoomsitoota dameewwan garaagaraarratti bobba’aniif deeggarsi ni taaifama-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Oromiyatti misoomsitoota dameewwan garaagaraarratti bobba’aniif deeggarsi barbaachisaan akka taasifamu Pireezidaantiin Mootummaa Naannichaa Shimallis Abdiisaan ibsan.

AMG Holdiingi Magaalaa Shaggar Kutaa Magaala Galaanitti Paarkii Indastirii ijaarsisuuf dhaabbilee Chaayinaa fi Hindii torba waliin waliigaltee mallatteesseera.

Sirna Waliigaltciharratti Pireezidaanti Shimallis Abdisaa, Ministira Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebel, Ministira Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Gofee akkasumas Itiyoophiyaatti Ambaasaaddaroonni Chaayinaa fi Indiyaa argamaniiru.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan haasawaa taasisaniin, abbootii qabeenyaa damee maanufaakchariingiirratti bobba’aniif deeggarsi barbaachisaan ni taasifama jedhan.

AMG Holdingi meeshaalee biyyaa alaarra galan biyya keessatti oomishuu keessatti shoora olaanaa bahachaa akka jirus yaadachiisnaiiru.

Ministirri Indaastirii Malaakuu Allebal gama isaaniin damee maanufaakchariingii dorgomaa, bu’aa qabeessaa fi kan yeroo faana tarkaanfatu akka ta’uuf xiyyeeffannaa fi qindoominaan ni hojjetama jedhaniiru.

Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuu, fooyya’iinsa dinagdee waliin qindeessuun indaastirii waaraa ijaarurratti hojjechuun akka barbaachisu kaasaniiru.

Waliigaltichi ce’umsa teeknooloojii, oomishaalee bakka bu’an dabaluu fi daldala alaa guddisuuf kan tumsu ta’uu hubachiisaniiru.

Bu’uura waliigaltichaan dhaabbileen kunneen damee keemikaalaa, awutoomootiivii, galteewwan elektirooniksii fi elektirikii, sibiilotaa fi dameewwan biroorratti akka bobba’an ibsameera.

Birhaanuu Dassaalanii fi Sa’aadaa Geetaachootu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.