Fana: At a Speed of Life!

Oromiyatti Ganna kana biqiltuu avokaadoo miiliyoona 2 caalu dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti miiliyonni 1.2 dhaabate

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyatti Ganna kana biqiltuu avokaadoo miiliyoona 2 caalu lafa hektaara kuma 6 irra dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti miiliyonni 1.2 dhaabbachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Dhaabbiin biqiltuu avokaadoo Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeettii guyyaa har’aa hoggantoota Ministeera Qonnaa, Biiroo Qonnaa Naannollee fi Godina Shawaa Bahaa irraa hirmaatan waliin dhaabbatee jira.

Avokaadoon kilaasteraan waggoottan darban dhaabbatan yeroo ammaa oomisha kennuun gabaa alaatiif qophaa’aa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Bunaa fi Muduraa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mohaammedsaanii Amiin ibsuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.