Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Xaa’oo uumamaa meetir kiyuubii miiliyoona 90 hanga 100 qopheessuuf hojiin eegalameera- obbo Abarraa Warquu

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2015(FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara kana Xaa’oo uumamaa meetir kiyuubii miiliyoona 90 hanga 100 qopheessuuf hojiin eegalamuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquun ibsan.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa, sagantaa jalqabbii qophii Xaa’oo uumamaa qopheessuu, godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamanneetti guyyaa har’aa eegalchiiseera.

Sirna kanarratti Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquu dabalate qooda fudhattoonni qonnaa godinaaleefi aanaalee Oromiyaarraa walitti babba’an hirmaataniiru.

Bara kana naannichatti Xaa’oo uumamaa meetir Kiyuubii Miiliyoona 90 hanga 100 qopheessuuf hojiin eegalamuu Obbo Abarraan dubbataniiru.

Hanga ammattis Xaa’oon uumamaa meetir kiyuubii miiliyoonni10 qophaa’uu himan.

Qonnaan bulaan waan naannoosaa jiruurraa Xaa’oo uumamaa qopheeffachuun gabbina biyyoo dabalee oomishasaa dabaluu akka qabuus dhaamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.