Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Waggoottan lamaan darban dhimmoonni kumn 200 fi kumni 18 Mana Murtii Aadaan fala wrgatan – Obbo Abdulhaakim Muluu

Finfinnee, Caamsaa 13, 2015 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti Waggoottan lamaan darban dhimmoonni kumni 200 fi kumni 18 Mana Murtii Aadaan furmaata argachuu Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakim Muluun ibsan.

Gamaagamni raawwii hojii kurmaana 3ffaa Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Hararitti gaggeeffamaa jira.

Mootummaan naannoo Oromiyaa Aadaan fi duudhaa sabichaa bu’uura taasisuun rakkoo kamiyyuu waloon furuuf hojjataa jiraachuu Obbo Abdulhaakim Muluun ibsaniiru.

Haqa waloo barbaaduun cinatti ummanni Oromoo duudhaa ganama isaatti akka deebi’uuf Manni Murtii Aadaa gahee guddaa qabachuu dubbataniiru.

Itti Aanaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Badrii Tamaam Manni Murtii Aadaa Hawaasni haqa isaa duudhaa isaan akkan argatu shoora olaanaa ba’aa jiraachuu eeraniiru.

Hojiin Mana Murtii Aadaa naannicha keessatti daraan bu’a qabeessa akka ta’uuf Manni Murtii Idilee kan tumsu ta’uu mirkaneessaniiru.

Gamaagamicharratti Hoggaanaa Biiroo Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo dabalatee Abbootiin Gadaa ,Haadholiin Siinqee Itti gaafatamtoonni Manneen Murtii Godinaalee Oromiyaa fi manguddoonni Mana Murtii Aadaa Godinaalee hundaa argamaniiruu.

Nageessoo Kadirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.