Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti tajaajilli taarifaa fi tikeetaa dijitaalawaan buufataalee konkolaataa 150’tti hojiirraa ooluufi

Finfinnee, Bitootessa 3, 2016 (FBC)- Naannoo Oromyaatti barana tajaajilli taarifaa fi tikeetaa dijitaalawaan buufataalee konkolaataa 150’tti hojiirra ooluuf ta’uu Eejensiin geejjibaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Ejensichaa Obbo Daani’eel Charinnat akka jedhanitti damee geejjibaarratti hanqinni bulchiinsa gaarii fi naamusaa bal’inaan kan mul’atuudha.

Buufataalee konkolaataa naannichatti argaman madda komii ummata ta’aa dhufuu himuun rakkoo kana hambisuufis tajaajila buufataalee konkolaataa gara dijitaalawaatti jijjiiruuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Hanga ammaattis tajaajilichi buufataalee konkolaataa 53’tti hojiirra oolfamuu ibsanii, bara baajataa kanattis buufataalee 150’n ga’uuf hojjetamaa akka jiru akeekaniiru.

Tajaajilichi buufataalee konkolaataa eegaletti konkolaattota taarifaa ol kaffalchiisanii fi imaltoota darbaa fe’uu to’achuuf tumsuu ibsuu Tajaajili Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Naannichatti buufataaleen konkolaataa 360 ol jirachuun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.