Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Tajaajila lammummaan hanga ammaatti hojiin Birrii biiliyoona 15 olitti tilmaamamuu hojjetamuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti Tajaajila Lammummaa Gannaatiin hanga ammaatti hojiin Birrii biiliyoona 15.24 tti tilmaamamuu hojjetamuun ibsameera.
Tajaajila lammummaa Waqtii Gannaan hanga ammaatti hojiileen garaagaraa Birrii biiliyoona 15.43 olitti tilmaamaman hojjetamuu Hogganaa Itti Aanaa fi Itti Gaafatamaan Damee Tajaajila Lammummaa Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Dooktar Mohaammadnaasir Abbaa Jamaal ibsaniiru.
Naannichatti hojiilee tajaajila lammummaa Gannaa hawaasaa miiliyoona 14.7 ol hirmaachiiseen, lammiilee miiliyoona 1.9 ol fayyadamoo taasisuu himaniiru.
Yeroo itti aanuuttis ummanni aadaa walgargaarsaa daran cimsuun hojiilee karoorfaman milkeessuuf gahee isaanii akka bahatan dhaamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia Ethiopia

#Oromia Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.