Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Suphaan Daandii Kiiloo Meetira Kuma 8 olii raawwatame

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti bara Baajataa xumurame Suphaan Daandii Kiiloo Meetira Kuma 8 olii raawwachuu Biiroon Daandiiwwanii naannichaa beeksise.

Bara 2015 keessa Daandiin sababoota garaagaraan miidhame/silkate hojiin suphaa gaggeeffamuu biirichatti Daayrektarri qophii Karooraa fi Hordoffii Obbo Ashannaafii Haabtaamuun ibsaniiru.

Daandii kiiloo Meetira kuma 10 suphuuf karoorfamee kuma 8 suphaan raawwatamuu eeraniiru.

Daandii Kiiloo Meetirri Kumni 6 ol Baajata Mootummaa Federaalaa Birrii miiliyoona 530 kan suhamuu fi kan hafe Baajata mootummaa naannoo fi hirmaannaa Ummataan kan raawwatame ta’uu kaasaniiru.

Malaakuu Dagiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.