Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti sirni Gadaa gosaa barnootan laatamuu eegale

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti Barnoonni sirna Gadaa akka gosa barnoota tokkootti laatamuu eegaleera.

Naannichatti  barnoonni sirna Gadaa akka barnoota gosa tokkootti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti Sadaasa 21, 2013 irraa eegalee kennamaa jiraachuu  Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Hanga ammaattis kitaabileen barattootaa fi qajeelchi barsiisaa kumni  500 ol ta’u maxxanfamee manneen barnootaatiif rabsamuus itti aanaan hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Efreem Tasammaa himaniiru.

Kitaabileen sirna Gadaa kunneen naannolee ollaa kanneen akka Beenishaangul Gumuuz, Gambeellaa fi Harariifis deeggarsan raabsamuu obbo Efreem himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.