Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti sagantaan Ashaaraa Magariisaa Laaloo Qileetti eegale

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) –Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana godina Qellem Wallaggaa Aanaa Laaloo Qileetti eegalchiisaniiru.

Oromiyaatti bara kana sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu biiliyoona 4.9 dhaabuuf karoorfameera.

Akka biyyaatti sagantaa Ashaaraa magariisaan waggoottan shanan darban biqiltuuwwan biiliyoonni 32 ol dhaabamaniiru.

Oromiyaattis biqiltuwwan gosa garaagaraa biiliyoonni 18 .3 dhaabamuun ibsameera.

Bara kanaafis biqiltuu biiliyoonni 5.5 kan qophaa’e yoo ta’uu kana keessaa biqiltuu biiliyoonni 4.9 lafa heektaara miiliyoona 1.2 ol irratti dhaabuuf qophiin xumuramee jira.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.