Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti sababa weerara vaayrasii koroonaatin barattoonni miiliyoonni 1.7 barnootasaanitti hin deebine jedhame

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti sababa vaayrasii koroonaatin barattoonni miiliyoonni 1.7 gara barnootaa isaaniitti akka hin deebine Biiroon Barnoota naannoo Oromiyaa beeksise.
Itti aanaan biiricha obbo Efreem Tasammaa akka ibsanitti, sababa weerara vaayrasii koroonaatin naannichatti barnoonni adda cite ture akka eegaluu taasifameera jedhan.
Bartootta barsiisuuf karoorfame miiliyoona 11.2 keessaa barachuuf kan galma’aan miiliyoona 9.5 qofa jedhaniiru.
Barattoonni miiliyoona 1.7 ta’a gara barnoota isaaniitti akka deebi’aniif ogeeyyiin barnoota kutaa hawaasa garaagaraa walin sochii hubannoo uumuu hojjetaa jiru jedhan.
Ta’us hanga ammatti barattoonni % 84.4 ta’an gara barnootasaaniitti deebi’uu himaniiru.
Kanaafis barattoonni barnoota isaanii addaan kutan akka deebi’aniif maatii, barsiisoonnii fi qaamoleen dhimmi ilaallatuu hojjechuu qabu jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.