Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Qormaanni Ga’umsa Ogummaa barsiistota kuma 33 oliif kennamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti Qormaanni Ga’umsa Ogummaa Barsiisummaa, barsiistota kuma 33 oliif kennamuu eegale.

Qormaatichi buufata qormaataa 192’tti kennamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.

Barsiisotaa fi Hoggansi Manneen Barnootaa sadarkaa Dippiloomaa kuma 24 fi 703 sadarkaa Digirii kuma 8 fi 816 madaallii gahumsa ogummaa kanaaf galmaa’uun eerameera.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa barsiisota kuma 33 fi 519’f qormaatichi kennamuu eegaluu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.