Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti qonnaa arfaasaa fi gannaa bara kanaatin lafa heektaara miiliyoona 6.3 misoomsuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti qonnaa arfaasaa fi gannaa bara kanaatin lafa heektaara miiliyoona 6.3 misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Qonnaa arfaasaa fi gannaa bara kana milkeessuu ogeeyyi qonnaa godinalee dhihaa Oromiyaa 9 irra walitti babba’aaniif magaalaa Jimmaatti leenjiin kennamaa jira.

Lafa bara oomishaa kana misoomu keessaa lafti hektaarri miiliyoonni 4 ol kilaasteraan kan misoomu ta’uu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu ibsaniiru.

Obbo Geetuu Gammachuu, hojii qonnaa kana milkeessufis, xaa’oon kuntaalli miiliyoona 55 fi sanyiin filatamaan kuntaalli miiliyoona 1 fi kuma 10 qonnaan bultootaaf akka dhiyaatu himaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaasee

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.