Oromiyaatti qonna Arfaasaatiin lafa hektaara kuma 764 ol irra sanyiin faca’uun ibsame
Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti qonna arfaasaatiin hanga ammaattii lafa hektaara kuma 764 ol irra sanyiin faca’uun ibsame.
Jiilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu hojii qonna Arfaasaa Godina Harargee Lixaa daawwateera.
Naannichatti Qonna Arfaasaa bara kanaan lafa hektaara miliyoona 1 fi kuma 122 fi 789 misoomsuuf karoorfamee, hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoona 1 kuma 130 fi 586 qotamuun ibsameera.
Lafa qotame keessaa hektaarri kuma 764 fi 395 irraa sanyiin faca’uun ragaan biiroo kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Bara kana oomishaalee al-ergeerratti xiyyeeffachuun qonna Arfaasaatiin misoomaa jiraachuu Obbo Geetuun ibsuun, karoora qabame milkeessuufis lafa qotamerra sanyiin faca’uu akka qabus dhaamaniiru.
Godinichatti Qonna Arfaasaatiin lafa hektaara kuma 50 misoomsuuf karoorfamee facaasaan gaggeeffamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Lixaa Obbo Huseen Mohaammed himaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.