Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti proojektoonni daandiiwwanii fi riqaalee 313 ijaarramaa turan eebbaaf qophaa’an

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC)- Proojektoonni daandiiwwanii fi  riqaalee 313 Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaatin hojjetamaa turan xumuramanii eebbaaf qophaa’uu Preezdaantii itti aanaatti Qindeessaan kilaastara Haawasummaa obbo Addisuu Araggaan himaniiru.

Proojektoonni daandiiwwanii fi riqaalee ijaarsi isaanii harkifachaa turanii fi kanneen ammoo yeroo isaaniif kaa’ame keessatti xumuraman waliigalaan 313 ta’an yeroo ammaa xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru jedhan obbo Addisuun.

Proojeektoonni kunniin sadarkaa naannoo fi godinaalee hojiin isaanii kan hordoffii fi deeggarsi cimaan taasifamaafi kan tureenidha jedhaniiru.

Obbo Addisuun fuula Feesbuukii isaaniitin akka ibsanitti, proojektoota kana keessaa 31 sadarkaa naannootti hordofomaa kan turan yoo ta’u, proojektoonni 282 sadarkaa godinaaleetti hordofamaa kan turanidha jedhan.

Proojektoonni xumuramanii eebbaaf qophaa’aan kan armaan gadiiti:-

  1. A) kan Sadarkaa Naannootti Hordofamaa turan (Daandiiwwan)
  2. Taltallee-Wandoo-Arboree Lot1——-Boorana
  3. Taltallee-Wandoo-Arboree Lot2——-Boorana
  4. Gooban-Kaarraa——————Sh/Lixaa,W/Bahaa fi HGW
  5. Abayyaa-Naccisaar—————G/Lixaa
  6. Ciiraa-Anfalloo——————–Jimma
  7. Gachii-Yaanfaa Lot2————-B/Beddellee
  8. Qilee-Qananii———————A/Lixaa
  9. Adelle Sakina Lot1—————-Arsii
  10. Asfaaltii Magaala D/Doolloo
  11. Yaayyoo-Elemoo—————IAB

Ijaarsa Daandiiwwan armaan oliif Baasii Bajata Waliigalaa=3,392,379,604.21

kan Sadarkaa Naannootti Hordofamaa turan (Riqaalee)

  1. Riqa laga Raaree…..Sh/Kaabaa
  2. Riqa Laga Gogee—–Boorana
  3. Riqa laga Mansoolee—–Boorana
  4. Riqa laga Aalgee———-G/Lixaa
  5. Riqa Laga Awaash———GAONF
  6. Riqa laga Masanaaboo——-Arsii
  7. Riqa Laga Roobee———————–Arsii
  8. Riqa laga Alitoo————————sh/k/lixaa
  9. Riqa laga Alaltuu 2ffaa———–Sh/Kaabaa

Ijaarsa Riqaalee armaan oliif Baasii Bajata Waliigalaa = 216,512,147.10

  1. C) kan Sadarkaa Naannootti Hordofamaa turan (Qorannoo fi Dizaayinii)
  2. Daandii Asfaaltii Magaala Gimbii
  3. Riqaa Laga Iyyaa (bal’ina m 24)
  4. Laga Maqii (bal’ina m 50)
  5. Daandii Sammar-Daraartuu fi Sakkiinaa-Hawwii Guddinaa
  6. Daandii guddaa-Xuqaa-Mudhii Amboo-Dambalaa Facaanaa
  7. Riqaa Laga Gibbe (bal’ina m 80)
  8. Daandii Asfaaltii Magaala Walisoo
  9. Daandii Asfaaltii Magaala Fiichee
  10. Daandii Asfaaltii Magaala Asallaa
  11. Daandii Asfaaltii Magaala Yaa’a Balloo
  12. Daandii Asfaaltii Magaala Bulee Horaa
  13. Riqa Garbaa-Qarcaa

Qorannoo fi Dizaayinii armaan oliif Baasii Bajata Waliigalaa = 41,160,364.05

  1. D) Hojii Suphaa fi Bulchiinsa Daandiiwwanii
  2. Sararoota Suphaa Daandiiwwanii 228 keessaa 213 suphaan isaanii xumuramuu
  3. Suphaa Daandiiwwanii Km6,532.51 keessaa, Km5,789.23 suphamuu isaa

Hojii Suphaa fi Bulchiinsa Daandiiwwaniif Bajata Waliigalaa = 224,626,411.39

Pirojektootni 282 sadarkaa Godinaaleetti hordofamaa kan turanidha. Isaanis:

  1. Ijaarsa Sagantaa Waliin Gahiinsa Daandii Baadiyyaa (SWGDB) Sararoota 206
  2. Ijaarsa Riqaalee Sadarkaa Godinaalee keessaa 76 xumuramuun

Pirojeektota Sadarkaa Godinaaleetti jiran kana Xumuruuf Bajata =1,145,969,911

Walumaa Galatti Pirojeektota Daandiiwwanii fi Riqaalee xumuraaf gahan Bajata Waliigalaa Qarshii 5,020,648,437.74 itti Bahee Jira.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.