Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti piroojektoota eebbifaman keessaa 570 sadarkaa kilaastara magaalatti ijaaramanii eebbifamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti piroojektoota eebbifaman keessaa, Piroojektoonni 570 sadarkaa kilaastara magaalatti ijaaramanii eebbifamuu ibsameera.

Sadarkaa Ittaanaa Pirezedaantiitti qindeessaan kilaastara Magaalaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaan, bara kana  Oromiyaa keessatti  piroojektoota kuma 20 ol eebbifaman keessaa piroojektoonni misoomaa 570 ol sadarkaa kilaastara magaalaatti hojjetamuu eeraniiru.

Kutannoon hoggansaa fi humna ummataa beekuun, iccitii milkaa’ina piroojektoota kanneenii ta’uu dubbataniiru.

Humna Ummataa walitti qindeessuun yoo hojjenne tulluun hiyyummaa hin diigamne hin jiru jedhaniiru.

Hirmaannaa Ummanni milkaa’ina kanaaf taasiseef galateeffataniiru.

Baajata Piroojektiin ittiin raawwatamu maddisiisuu danda’uunis milkaa’ina piroojektoota kanneeniif gumaachuu ibsuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.