Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Pirojektiiwwan Finnaa 102 Birrii miiliyoona 18 oliin ijaaramaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Muddee 23, 2017 (FMC)-Naannoo Oromiyaatti pirojektiiwwan jallisii Finnaa hawaasa horsiisee bulaa fi qonnaan bulaa fayyadamaa taasisan 102 baasii Birrii biiliyoona 18 oliin ijaaramaa jiraachuun Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa beeksisee.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasni gama hundaan fayyadamaa ta’ee badhaadhinni maatii mirkaneessuun hiyyummaa hundeerra buqqqisuuf yeroodhaa gara yerootti karoora adda addaa baasuun hojiirra oolchaa jira.

Jiruuf jireenya horsiise bulaa fi qonnaan bultootaa fooyyeessuuf inisheetiivii pirojektii Finnaa bocuudhan hojiirra oolchaa jiraachuun ibsameera.

Bara baajataa 2017tti pirojektoonni misooma Jallisii fi Finnaa abbootii warraa kuma 100 ol fayyadamoo taasisuu danda’an 102 Birrii biiliyoona 18 oliin hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Hogganaan Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiise Bulaa Oromiyaa Injiinar Girmaa Raggaasaa, pirojektiin Finnaa qabatamaan Pirojeektii seenaa gammoojjii Oromiyaa jijjiiraa jiru ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsi piroojektiiwwan kanneenii %55 irra qaqqabuus dubbataniiru.

Dabalataanis paampiiwwan kuma 20 ol fi bishaan cimmisuuf Ji’omembireenii bitee raaabsaa jiraachuu ibsuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.