Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti oomishaalee Gannaa haala qisaasaama hir’iseen walitti qabuun eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti haala qisaasama oomishaalee hir’iseen oomishaalee qonna Gannaa ga’an walitti qabuun eegalamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Bara oomisha 2015/16’n qonna Gannaa teeknooloojiiwwan qonnaa ammayyaan deeggaramuun hojiin oomishaalee walitti qabuu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aatti eegaleera.

Daayrektarri misooma midhanii biirichaa Obbo Musxafaa Huseen akka ibsanitti qonna Gannaan lafti hektaarri miiliyoona 9.3 midhaanota garaagaraan uwwifamuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan oomisha kuntaala miiliyoona 265 walitti qabuuf karoorfamuu ibsanii, yeroo ammaa naannawaalee haalaa qilleensaa Gammoojjii, Badda-Daree qabanitti Qamadii, Xaafii fi midhaanota biroo makkaanaayizeeshiniin walitti qabuun akka eegalame himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.