Oromiyaatti nyaanni beeyladootaa lafti hektaarri kuma 900 misoomaa jiraachuun eerame
Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti nyaanni beeyladootaa lafa hektaara kuma 900 irratti misoomaa jiraachuu Biiroon Misooma Jalliisii fi Horsiisee Bultootaa beeksise.
Qondaaltonni hojii naannichaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluutti qonnaan bultootaa fi dargaggootaan nyaataa beeyladootaa misoomaa jiru daawwataniiru.
Ittaanaa Hogganaa Biiroo Misoomaa Jallisii fi Horsiisee Bultootaa Obbo Roobaa Turcee naannicha, naannawaa gammoojjiitti hongee mudatu dandamachuu fi hanqina nyaata beeyladootaa hambisuuf inisheetiiviin nyaata beeyladootaa bocamuun hojiitti seenameera.
Haaluma kanaan naannichaatti lafa hektaara kuma 700 nyaata beeyaladootaan misoomsuuf karoorfamee lafti hektaarri kumni 900 misoomaa jiraachuu himuu isaanii Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa gabaaseera.
Misoomni nyaata beeyladootaa kun %70 oyiruu qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa irraatti misoomaa jiraachuu eeruun %30 kan ta’u ammoo dargaggootaa gurmaa’anii carraan hojii umameefiin misoomaa jiraachuu obbo Roobaan eeraniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.