Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalataa 78 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 78 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 672 hojjetameen vaayrasichi namoota 78 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 15,614 ga’eera.

Lubbuun namoota 5 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 139 darbeera.

Namoonni haaraan 51vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 9771 dandamataniiru.

Namoonni 21 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5704 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 211338 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.