Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalataa 64 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni dabalataa 64 vaayrasii koroonaatin qabamuu ibsameera.

Gabaasa qorannoo sa’aa 24 darben naannichaatti qorannaa laabraatoorii 1387 hojjetameen namoota 64 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Lubbuun nama 1 darbeera.

Hanga ammaatti naannichatti qorannaan laabraatoorii namoota 55,261 hojjetameera.

Waliigala hanga ammaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabaman 2074 yoo ga’u, yaalarra kan jiran namoota 1399.

Namoonni haaraan 85 ammoo dhibichaarraa kan dandamatan yoo ta’u, waliigala namoonni 650 dandamataniiru.

Namni tokko wallaansa cimaa keessatti argama.

Walumaagalatti vaayrasichaan namoonni lubbuun isaanii darbe 26.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.