Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira-Kom. Dirribaa Mokonnin

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC)- Oromiyaa keessatti nageenya waaraa mirkaneessuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Koomishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Oromiyaa Dirribaa Mokonnin ibsan.

Waltajjiin marii nageenyaa fi misoomaa hawaasa Godina Buunnoo Beddellee waliin gaggeeffameera.

Waltajjicharratti, Komishinar Dirribaa Mokonnin Oromiyaa keessatti nageenya waaraa mirkaneessuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachu himanii, sochii finxaaleyyiin Oromiyaa bakka jeequmsaa fi dararaa taasisuuf karoorfatanii socho’an hundeerraa fashaleessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan keessoo caasaalee qulqulleessuu fi humnoota carraa araaraa isaaniif kennamee fudhachuu didanirratti tarkaanfii qinda’aa fudhachuu eegale ittifufas jedhan.

Hawaasnis qaamolee nageenyaa deeggaruu qaamolee kanneen saaxiluuf akka qabu dhaamaniiru.

Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu, hawaasni godinichaa ijaaramuun nageenya isaa tikfachuuf, sochii diina fashaleessuuf kutannoo hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Fuuldurattis, qindoomina qaamolee nageenyaaf hawaasaa daran cimsuu fi gaachana sirnaatiin nageenya godinichaa waloomaan tiksuun, sochii diinaas fashaleessuun kan itti fufu ta’uu dubbachuu ragaan Kominikeshinii Aanaa Beddelleeerraa argame ni mul’isa.

Hawaasni maricharratti hirmaatanis nageenya ofii fi naannawaa isaanii kan eeggatanii fi mootummaa waliin kan hojjetan ta’uu dubbtaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.