Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti misooma jallisiin Qamadii lafa hektaara kuma dhibba 3 ol misoomsuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara kana Jallisiin Qamadii lafa hektaara kuma dhibba 3 ol misomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
 
Jilli hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu godina Shawa Bahaa aanaa Booseetitti qamadii jallisiin lafa hektaara 900 irratti misoomsuuf qophii taasiifamaa jiru daawwateera.
 
Godina Shawaa Bahaa aanaalee 9 keessatti lafa hektaara kuma 20 irratti Qamadii jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
 
Akka Oromiyaatti bara kana lafa hektaara kuma dhibba 3 jallisii boneen Qamadii misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 13 argachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
 
Hoggantoonni naannoo fi federaalaa gandoota godinaalee 19n misoomni qamadii keessatti gaggeeffamurratti argamuun jajjabeessuuf bobba’uu obbo Dhaabaan ibsuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaa Oromiyaarraa argame ni agarsiisa.
 
Oduma walfakkaatuun Jilli sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaastera Misooma Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamuu aanaalee godina Shawaa Kibba Lixaatti qophii lafaa fi facaasaa qamadii jallisii daawwateera.
 
Godina Shawaa Kibba Lixaatti bara kana lafa hektaara kuma 10 misoomaa Jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu himameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.