Oromiyaatti Manneen Barnootaa kuma 9’f galteewwan nyaata barattootaa dhiyaachaa jira – BGO
Finfinnee, Mudde 11, 2015 (FBC) – Oromiyaatti Manneen Barnootaa kuma 9’f galteewwan nyaata barattootaaf barbaachisan hawaasarraa walitti qabamuun dhiyaachaa jiraachuu Buusaa Gonofaan naannichaa beeksise.
Galteewwan nyaata barattootaaf barbaachisan hawaasarraa walitti qabuun Manneen Barnootaa kuma 9f dhiyaachaa jiraachuu Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo musxafaa Kadir ibsaniiru.
Naannawaa Baddaa naannichatti Manneen Barnootaa hanga kutaa 4ffaa jiranii fi naannawa Gammoojjitti ammoo manneen barnootaa hanga kutaa 8ffaatti jiran kuma 15f Nyaata barattootaa dhiyeessuuf karoorfamee manneen barnootaa kuma 9f galteewwan nyaataaf barbaachisan dhiyaachuu kaasaniiru.
Kanaanis barattoonni miiliyoonni 3 fi kumni dhibbi 8 ol fayyadamoo ta’uu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.