Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lakkoofsi namoota koroonaan qabamanii 179 ga’e

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 12 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksise.
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa namoota 926 gaggeeffamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksiseera..
 
Namoota kanneen keessaa 8 dhiirota, 4 ammoo dubartoota.
 
Umriin isaanii waggaa 23 hanga waggaa 48 keessatti argama.
 
Hundinuu seenaa imala alaa hin qaban.
 
Namoonni 3 tuttuqaa qabu.
 
Namoonni 9 tuttuqaa hin qaban.
 
Namoota 12 keessaa 3 Godina Gujii, 3 Shawaa Bahaa, 1 Shawaa Lixaa, 1 Shawaa Kaabaa, 1 Qeellama Wallaggaa, 1 Sabbataa,2 magaalaa Adaamaa ta’uu biirich beeksiseera.
 
Namoonni haaraan 3 ammoo dandamataniiru.
 
Waliigalaan hanga ammaatti namoonni 26 dandamataniiru.
 
Namoonni vaayrasichaan qabaman 179 qaqqabera.
 
Yaalarratti kan argaman 148 yoo ta’an, waliigalaan lubbuun namoota 5 darbeera.
 
Hanga ammaatti waliigalaan qorannaan samuudaa namoota 13,425 hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.