Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lafa hektaara miilyoona 2.4 irratti hojiin eegumsaa biyyee fi bishanii hojjetameera

Finfinnee, Guraandhala 27, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti qonnaan bultoota hirmaachisuun lafa hektaara miilyoona 2.4 irratti hojiin eegumsa biyyee fi bishanii hojjetamuu Biiroo Qonna Oromiyaa beeksise.

Waggoottan darban godinaalee, aanaalee fi gandootaa baadiyaa hundatti sosochii ummataan hojiilee misooma sululaa hojjetamaniin oomishaa fi omishtummaan dabaluun ibsameera.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu akka jedhanitti, naannichatti qonnaan bultootaa fi ogeeyyii leenjisuun sululoonni kuma 6 ol misoomaa jiraachuu ibsan.

Qonnaan bultoota miiliyoona 6 ol hirmaachisuun hojiileen misooma sululaa hojjetamaan, dhiqama biyyee, omishaa fi omishtummaa fooyyessuu bira darbee bishaan lafa jalaa naannichaa dabaluun humna jallisii bonaa guddisuu himaniiru.

Hojiilee misooma sululaa waggoottan darban hojjetamaniin jijjiiramni galmaa’uu ibsuun, lafti manca’e deebi’ee akka bosona uffatu, laggeen akka deebi’an ta’uun bu’aalee Sagantaa Ashaaraa Magariisaa ta’aniin hedduun fayyadamoo ta’aniiru jedhan.

Obbo Geetuun turtii Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin taasisaniin, yeroo ammaa hojiileen misoomaa sululaa guyyoota 60 hojjetaamaa jiraachuu fi barana lafa hektaaraa miiliyoona 3.2 ol irratti hojiin eegumsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Ityoophiyaa #Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.