Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lafa heektaara kuma 350 qamadii jallisiin  misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 153 faca’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Oromiyaatti lafa heektaara kuma dhibba 3 fi kuma 50 qamadii jallisiin  misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 153 faca’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu hojii misooma qamadii bonaa Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaa ganda kuruftuu daawwateera.

Qabeenya lafaa, bishaanii fi humna namaa qindeessuun qamadii gannaan lafa hektaara miliyoona 1fi kuma dhibba 2 irratti misoomsuun danda’amuu obbo Shimallis kaasaniiru.

Qonna jallisiin  lafa hektaara kuma dhibba 6 fi kuma 7 irratti misoomsuun gargaarsa biyya alaa hambisuun of-dandeenyee birmadummaa keenya mirkaneeffachuuf akka Oromiyaatti hojiin boonsaan hojjetamaa jira jedhan obbo Shimallis.

Qamadii jallisii marsaa jalqabaan lafa hektaara kuma dhibba 3 fi kuma 50 misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma dhibba 2 fi kumni 60 qophaa’e keessaa lafti hektaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 53  faca’uu hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Worquu ibsaniiru.

Godinichatti lafa hektaara kuma 35 irratti qamadii bonaan misoomuuf karoorfame keessaa lafti hektaarri kuma 24 fi 800 hanga ammaatti faca’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godiina Shawaa Bahaa Obbo Mesfiin Tashoomee ibsaniiru.

Daagmaawwii Deeksisaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.