Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti kurmaana 1ffaa keessa galiin Birriin biiliyoonni 26 ol walitti qabame

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Oromiyaatti kurmaana 1ffaa darbe keessa galiin Birriin biiliyoonni 26 ol walitti qabamuu Biiroon Maallaqaa naannichaa beeksise.

Naannichi bara baajataa kana keessa maddoota galii adda addaarraa galii Birrii biiliyoona 144 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Hoggantuun Biirichaa Aadde Maskaram Dabbabaan ibsaniiru.

Baatiwwan sadan darbanis Birriin biiliyoonni 26 fi miiliyoonni 65 walitti qabamuu Aadde Maskaram Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Galiin argame kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 8.5 caalmaa qabaachuu ibsaniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.