Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti konkolaattota caalbaasiin dhabamsifamanirraa galiin Birrii miiliyoona 25 argame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti konkolaattota manneen hojii mootummaa naannichaatti tajaajilaa ala ta’an caalbaasiin dhabamsiisuun galiin Birrii miiliyoona 25 argame.

Daayrektarri Damee Gurgurtaa fi Tilmaamaa Gatii Eejensii Bittaa fi Dhabamsiisaa Qabeenyaa Naannichaa Obbo Saamsoon Waaqwayyaa dhimmicharratti ibsa FBC’f kennaniin bara baajataa kana baatiiwwan sadan darban qofaatti konkolaattoota manneen hojii mootummaa naannichatti yeroo dheeraaf tajaajilaan ala ta’an 54 caalbaasiin dhabamsiifamaniiru.

Gurgurtaa caalbaasicharraas Birrii miiliyoona 25 fi kuma 217 ol argamuu ibsan.

Dabalataan Eejensichi sibiilota garaagaraa caalbaasiin hojii dhabamsiisuu hojjechuu himaniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.