Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti kitaabileen sirna barnootaa haaraan miiliyoonni 2.5 raabsamuuf qophaa’an

Finfinnee, Hagayya 2, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti kitaabileen sirna barnootaa haaraan maxxanfaman miiliyoonni 2.5 raabsamuuf qophaa’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Kitaabileen kunneen bara barnootaa haaraaf qophaa’uun, naannichaatti kitaabilee raabsaman miiliyoona 11’n akka ga’u Ittaanaan Hogganaa Biirichaa Efireem Tasammaan FBC’f ibsaniiru.

Ta’us, baay’ina kitaabilee barbaadamaniin yoo ilaalamu gahaa akka hintaane ibsuun, rakkoo kana furuufis waggoottan sadan dhufan karoorri hojiirraa oolfamu qophaa’uu dubbataniiru.

Afwarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.