Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hidhaawwan bishaan Roobaa kuusan 73 hojjetamaa jiru

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015 (FBC) – Godinaalee Oromiyaa hanqina Roobaa qabanitti Pirojektoota Finnaan hidhaawwan bishaan Roobaa kuusan 73 hojjetamaa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa beeksiseera.

Pirojektoonni hidhaawwan bishaan roobaa kuusan kunneen hojiilee mootummaan rakkoo uummataa waaraan furuuf hojjetaa jiru ta’uu Hogganaan Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee bulaa Oromiyaa Injiiner Girmaa Raggaasaan himaniiru.

Pirojektoonni kunneen Birrii biiliyoona 21 oliin hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hanga ammaattis hidhaawwan 25 xumuramuun bishaan roobaa kuusuu eegaluu Injiiner Girmaa eeraniiru.

Bokkaa gidduu kana roobeenis walii galaan bishaan meetirik kuubiin miiliyoonni 20 kuufamuu himaniiru.

Godina Booranaa aanaalee gogiinsi muudateetti pirojektoota hidhaawwan rooba kuusan 18 hojjetamaa jiran keessaas 10 bishaan roobaa kuusuu eegaluu dubbachuu isaanii OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.