Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hanga ammatti lafti heektarri miiliyoonni 8 miidhaniin uwwiifameera

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafti heektarri miiliyoona 8 ol miidhaan gosa garaagaraan uwwifamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Naannichatti oomisha bara 2015/2016’f lafa hektaara miiliyoona 8.2 sanyiin uwwisuuf karoorfamuu Daayirektarri Misooma Midhaanii Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Musxaafaa Huseen ibsaniiru.

Haaluma kanaan, oomishaalee kuntaalaa miiliyoona 265 ol walitti qabuuf karoorfachuu eeruun, hanga ammatti lafti heektarri miiliyoona 8 fi kumni 90 sanyiin uwwifamuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.