Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hanga ammaatti Biqiltuun biiliyoonni 3.2 dhaabamuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 3.2 dhaabamuu Biiroon Qonna naannichaa ibse
Hogganaan Ittaanaan Biirichaa Obbo Eliyaas Kadir sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuu gosa adda addaa biiliyoona 5.5 qophaa’e keessaa biqiltuu biiliyoona 4.9 tajaajila lammummaan dhaabuuf karoorfamuu himan.
Haaluma kanaan hanga ammaattis biqiltuun biiliyoonni 3.2 dhaabamuu eeraniiru.
Sagantaa Duula Guyyaa Tokkotti biqiltuu miiliyoona 520 dhaabuu Hagayya 23, 2016 akka gaggeeffamu ibsaniiru.
Dhaabbii biqiltuu idilee bara kanaa hanga Adoolessa 20, 2016’tti xumuruun duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoof qophiin barbaachisu akka taasifamu Obbo Eeliyaas ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.