Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti guyyaa har’aa duula Ashaaraa magariisaan biqiltuu miiliyoonni 392.1 dhaabbate

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti guyyaa har’aa duula Ashaaraa magariisaan biqiltuu miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 92.1 dhaabbachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksiise.
Naannoo Oromiyaatti guyyaa har’aa aduu tokko biqiltuu miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 51 ol dhaabuuf karoorfamee biqiltuun miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 92 fi kumni dhibbi 1 ol dhaabbachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen ibsaniiru.
Baaddiyyaatti biqiltuun miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 77 dhaabbachuu fi magaalaatti ammoo biqiltuun miiliyoonni 14.9 dhaabbachuu ibsaniiru.
Dhaabbii biqiltuu guyyaa har’aarratti kutaan hawaasaa garaagaraa miiliyoonni 12.8 ol hirmaachuu eeraniiru.
Bara 2012 naannichatti guyyaa tokkotti biqiltuun miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 27 dhaabbachuun isaa kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.