Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti godaansaa deebitoota hojiitti galchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara kana godaansaa deebitoota simachuun hojiitti galchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa naannichaa beeksiise.

Bara kana hanga ammaatti godaansaa deebitoota kuma 22 fi 965 galmaa’an keessaa deebitoonni kumni 15 fi 363 adda ba’uu fi lakkoofsa herreega baankii banatanii sochii eegaluu ibseera.

Namoonni kumni 7 fi 119 leenjii fudhachuun hojiif qophii ta’uu isaanii Biirichatti Daayrektarri Carraa Hojii Uumuu Damee Baadiyyaa Obbo Taakkalaa Beenyaan Faanaa Biroodakaastiing Korporeetiif himaniiru.

Namoota kanneen gara hojiitti galchuuf Biizinas Pilaaniin kumni 1 fi 614 hojjetamuu kaasaniiru.

Wayita hojiitti galan bu’aa qabeessa akka ta’aniif xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Obbo Taakkalaan ibsaniiru.

Godinaalee godaansaa deebitoonni keessatti heddummatan 7 keessatti hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bara darbee baatii Bitootessaa eegalee marsaa 1ffaan lammiilee biyyoota garaagaraatti rakkoof saaxilaman gara biyyaa deebisuuf hojii hojjetameen namoota akka biyyaatti deebi’an kuma 73 fi 700 ol keessaa kumi 23 fi 76 jiraattoota naannoo Oromiyaa ta’uu Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaatti Bakka Bu’aan Dursaa Garee Bobbii hojii fi ogeessi Godaansa Seeraan alaa Obbo Sisaay Taaddasaan FBCtti himaniiru.

Bara kanas Sadaasa 12 eegalee hojii lammiilee kanneen gara biyyaa deebisuu hojjetameen hanga ammaatti Godaansaa deebitoonni kumni 9 fi 708 gara naannoo Oromiyaa deebi’uu Obbo Sisaay eeraniiru.

Godaansaa deebitoota dhaabuuf hojiin qindoomina qabu hojjetamaa jiraatus qajeelfamni walharka fiidhinsaa qophaa’e hojiirra ooluu dhabuu isaan, to’annoo fi hordoffii taasiifamuu qaburratti hanqina uumuu kaasaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.