Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti galmeen Barattootaa Fulbaana 8, 2015 xumurama

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa galmeen Barattootaa Fulbaana 8, 2015 kan xumuramu ta’uu beeksiise.

Biirichi Galmeen Barattootaa Fulbaana 08/2015 kan xumuramu ta’uu fi Barumsi immoo Fulbaana 09/2015 kan eegalu ta’uu yaadachiiseera.

Barattootni Daa’imman Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaan Duraa(BSTD) baratan dabalatee kanneen hanga ammaatti hin galmaa’in guyyoota hafan keessatti akka galmaa’an dhaameera.

Maatii fi hawaasni barnootaa daa’imman umriin isaani barnootaaf ga’e hundi akka galmaa’aan qoodan isaanii akka ba’an waamicha dhiyeesseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.