Oromiyaatti Eegumsa Hawaasummaa cimsuun hawaasa harka qalleeyyii waaraan dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Mudde 27, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Eegumsa Hawaasummaa cimsuun hawaasa harka qalleeyyii waaraan dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa beeksiise.
Ayyaana Qillee sababeeffachuun akka Oromiyaatti namoota hirkoo fi deeggarsa barbaadan kuma 125f deeggarsa taasiisuuf karoorfame hanga ammaatti namoota kuma 70 oliif deeggarsi laatamuu Biirichatti Daayrektarri Daayreektoreetii Babal’insa Eeggumsa Hawaasummaa Obbo Abdullaahii Ahimad Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Meeshaalee nyaataa kanneen akka Daakuu, Zayita Nyaataa, Lukkuu waliigalaan meeshaaleen Birrii miiliyoona 37 olitti tilmaamamu namoota harka qalleeyyiif kennamuu himaniiru.
Deeggarsi kun boruu fi guyyaa ayyaanaas kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Wayita ayyaanaa qofa osoo hin taane Gumii deeggarsa hawaasummaa kutaalee Oromiyaa hunda keessatti babal’isuun duudhaalee walgargaarsaa ture caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Abdullaahiin eeraniiru.
Qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun kutaalee hawaasaa sababoota garaagaraan rakkoof saaxilaman waaraan deebisanii dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Keessattuu namoota sababa rakkoo nageenyaa fi hongeen rakkoo hawaasummaaf saaxilaman itti fufiinsaan utubuuf dhaabbilee akka Buusaa Gonofaa waliin hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.