Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti duulli talaalii dhibee gifiraa boru eegala

Finfinnee, Mudde 20, 2015(FBC)-Duulli talaallii ittisa dhibee gifiraa sadarkaa Oromiyatti guyyaa boru kan eegaluu ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Biirichatti, Qindeessaan Fayyaa Haadhoolii, Daa’imman, Dargaggootaa fi Sirna Nyaataa Obbo Abbabaa Baqqalaa Faanaa Biroodkastingi Koorpooretiif akka ibsanitti, duulichi oromiyaa sadarkaa hundaatti kan kennamuudha.

Duula kanaan daa’imman umrii waggaa 5 gadiif talaallii dhibee gifiraa dabalatee talaalliin ittisa dhibbeewwan daa’immanii garaagaraas akka kennamu himaniiru.

Akka Oromiyaatti talaallii dhibee gifiraan daa’imman waggaa 5 gadii miiliyoona 2.6’f akka kennamu biirichi ibsee turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Tsahaay Gulummaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.