Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti duulli Buna Gamashuu eegale

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti duulli Buna Gamashuu baatii lamaaf turu eegaluu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Ittaanaa biiroo Qonnaa oromiyaa Obbo Mahaammadsaanii Amiin, duulichaan Buna dulloome lafa hektaara kuma 150 irraa gamashuu fi buqqisuun haaraan bakka buusuu kan gaggeeffamu ta’uu ibsan.

Omishtummaa Bunaa dabaluuf hojiilee Buna gamashuu waggoottan darban hojjetamaniin oomishni bunaa dabaluu yaadachiisaniiru.

Baranas godinaalee Oromiyaa misooma bunaan beekaman hundatti buna dulloome gamashuun haaraan bakka buusuuf karoora qabame milkeessuuf duulli guyyoota 60’f labsame eegaluu himaniiru.

Omishtoonni bunaa fi qooda fudhattoonni muuxannoo qabanii fi gorsa ogeessaa hordofuun Buna dulloome gamashuu fi buqqisuun haaraan bakka buusuurratti cimanii hojjechuu akka qaban dhaamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Ogeeyyiinis deeggarsa ogummaa barbaachisu taasisuun milkaa’ina karoorichaaf gumaachuu akka qaban akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.