Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti dhaabbilee misoomaarraa galii Birrii biiliyoona 100 ol walitti qabamuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC) – Dhaabbilee Misoomaa Naannoo Oromiyaa irraa barana galii Birrii biiliyoona 100 ol walitti qabamuu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Horataalee Mootummaa Dooktor Girmaa Amantee ibsan.

Dooktor Girmaan rawwii hojii bara 2014 Seektera kilastara horataalee misoomaarratti ibsi miidiyaaleef kennaniiru.
meera.

Ibsa isaaniin dhaabbilee misoomaa mootummaa naannichaa dorgomaa fi bu’a qabeessa taasisuuf hojiilee bala’aan hojjetamuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan galii idilee fi mana qopheessarraa Birrii biiliyoona 52.3, tajaajila lammummaan Birrii biiliyoona 42.2, deeggartoota misoomaarraa Birrii biiliyoona 9.4 argamsiisuu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Pirezidaantii Naannichaarraa argame ni mul’isa.

Barana baajata mootummaa naannichaa kilaastarichaaf ramadame Birrii biiliyoona 100 fi 38 sirnaan fayyadamuun waan akeekakameef oolchuun danda’ameeraas kan jedhan Dooktor Girmaan.

Bajata kana keessaas irra caalaan pirojektoota kaappitaalaaf hojiirra ooluu ibsaniiru.

Rakkoo biyyaa fi naannichi keessa ture waliin yoo wal bira qabamu raawwiichi haala mijataa keessatti yoo hojjetame yeroo gabaabaa keessatti galma badhaadhinaa bira gahuuf agarsiiftuu cimaadha jedhaniiru.

Pirojektoota Naannoo Oromiyaa keessatti duraan harkifatanii fi haaraa eegalaman Birrii biiliyoona 10 oliin xumursiisuun dandaa’ameeras jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.