Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti dammi tooniin kumni 77 ol oomishamuu ibsame

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2014tti dammi tooniin kumni 77 fi 894 ol oomishamuu ibsame.

Inisheetiivota haaraa akka biyyaatti jalqabaman keessa oomishni dammaa isa tokko akka ta’e eerameera.

Haala mijataa naannichi oomisha dammaatiif qabutti fayyadamuun hojiin hedduun hojjetamuu ibsmeera.

Oomishaaf oomishtummaa dammaa dabaluuf xiyyeeffannoo kennameen gaagurri ammayyaa kuma 300 akka inisheetiivitti qabamee hojjatamaa ture keessaa kuma 50 qopheessuun gatii salphaan qonnaan bulaafi horsiisee bulaa biraan gahuun danda’amuu ragaan biiroo kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Bara 2015tti oomisha dammaa gara toonii kuma 86 fi 575tti ol guddisuuf karoorfatamee hojjatamaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.