Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti damee tuuriizimiirraa galiin Birrii biiliyoona 9.5 argame

Finfinnee, Adoolessa 26, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2015 damee tuuriizimiirraa galiin Birrii biiliyoona 9.5 ol argamuu Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa beeksise.

Biirichatti Daayrektarri Karooraa fi Hordoffii Obbo Olaanaa Tashoomaa akka ibsanitti, bara baajataa xumurame bakkeewwan hawataa tuuriizimii babal’isuu fi beeksisuun damicharraa galii argamu guddisuuf qindoominaan hojjetameera.

Tuuristoota alaarraa sharafa argachuu fi carraalee hojii bal’aa uumuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu himaniiru.

Sadarkaa bakkeewwan hawata tuuriizimii guddisuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu eeruun sababoota garaagaraan hambaalee tuuriizimii miidhaman haaressuu fi suphuun gaggeeffamuu kaasaniiru.

Hojiin bakkeewwan hawata tuuriizimii beeksisuu bal’aanis gaggeeffamuu eeran.

Bara baajatichaattis damicharraa galiin Birrii biiliyoona 9.5 argamuu kaasniiru.

Tuuristoonni alaa kuma 273 fi biyya keessaa tuuristoonni miiliyoona 9.5 bakkeewwan hawwata tuuriizimii naannichaa daawwachuu ibsaniiru.

Fuuldurattis tuuriizimii naannichaa caalmaan dammaqsuun lakkoofsa tuuristootaa dabaluuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.