Oromiyaatti biqiltuu guyyaa tokkotti Ashaaraa Magariisaa biqiltuu miiliyoona 481 dhaabuuf qophiin xumurame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2015 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa miiliyoona 481 dhaabuuf qophiin xumuramuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beekdise.
Bara kana akka biyyaatti karoora dhaabbii biqiltuu Asahaaraa Magariisaa qabame milkeessuuf Adoolessa 10, 2015 naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwan gosa gara garaa miiliyoona 481 dhaabuuf qophiin duraa kan xumurame yoo ta’u, uummanni yeroo hundaa seenaa haaraa galmeessuun beekamu karoora qabame kana ni milkeessaan kan abdatamu ta’uu ibsameera.
Irra deebiin seenaa haaraa galmeessuuf uummanni hundi xiqqaa guddaa, barataa barsiisaa, daa’imaafi nama guddaa, jiraataa magaalaafi baadiyyaa, hojjetaaa mootummaafi daldalaa osoo hin jenne hunduu karoora qabame kana milkeessuuf gahee keessan akka ba’attan mootummaa naannichaa waamicha dhiyeesseera.
Uummanni Naannoo Oromiyaa bara darbe guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 400 ol dhaabuunis seenaa haaraa galmeessuun kan yaadatamuudha.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Finfinnee
Adoolessa, 2015
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.