Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti barattoonni kumni 361 ol qormaata seensa Yuunifarsiitii ni fudhatu- BBO

Finfinnee, Hagayya 16, 2014(FBC) – Oromiyaatti bara kana barattoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 61fi 896 qormaata seensa Yuunifarsiitii kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Naannoo oromiyaatti xiyyeeffannoon barnootaaf kennamee hojjetamaa jiraachuufi, qabxiin seensa Yuuniversiitii barattoonni naannichaa galmeessaanis bara baraan dabalaa jiraachuu eerameera.

Bara kana Oromiyaatti barattoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 61fi  896 qormaata seensa Yuuniiversiitii kutaa 12 fudhachuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsameera.

Qormaatichi barattoota Saayinsii Hawaasaa barataniif Fulbaana 30/2015 – Onkoloolessa 3/2015tti kan kennamu ta’uu eerameera.

Barattoota Saayinsi Uumamaa barataniif ammoo  Onkololessa 8-11/2015tti kan laatamu ta’uu biirichatti Daariktoreetii Madaallii Barachuu Barattootaafi Bulchiinsa Qoruumsaa Obbo Huseen Qaasim ibsuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.