Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara kana lafa hektaara miiliyoina 3.2 irratti hojii miisooma sululaa hojjechuuf karoorfame – BQO

Finfinnee, Mudde 2, 2015 (FBC) – Oromiyaatti bara kana lafa hektaara miiliyoina 3.2 irratti hojii eeggumsa biyyoo fi bishaanii hojjechuuf karoorfamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiuse.

Suluulota kuma 6 fi 448 fi daagaawwan gosa adda addaa Kiiloo meetira miiliyoona1.09 misoomsuuf karoorfamuu hogganaa Itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyas Obbo Eeliyaas Kadir himaniiru.

Leenjiin misooma suluulaa bara 2015 marsaa 2ffaa Yuunvarsiitii Haroomayaatti ogeeyyii godinaalee Shawaa arfan, GAONF fi Arsii irraa hirmaataniif guyyoota afuriif kennamu eegalee jira.

Hojiin misooma sululaa bara kanaa Amajjii walakkaa irraa eegalee kan hojjetamu ta’uu Obbo Eeliyaas ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.