Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara darbe namoota kuma 34f tajaajilli baqaqsanii yaaluu qaroo ijaa taasiifame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara darbe namoota rakkoo qaroo ijaa qaban kuma 34f wal’aansi baqaqsanii yaaluu taasiifamuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksiise.

Gamaggamni hojiirra oolmaa paakkeejii eksteeshiinii fayyaa godina Jimmaatti gaggeeffameera.

Baroottan darban dhibee tiraakoomaa ittisuuf qorichi ummata naannichaaf raabsamaa turuu Itti aanaa hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaan ibsaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa godina Jimmaa Obbo Fu’ad Saabit gama isaaniin, tiraakoomaa dabalatee dhibeewwan hanqina qulqulinaan dhufan ittisuuf barumsii fayyaa hawaasa godinichaaf kennamaa turuu dubbataniiru.

Kanaanis uwwisni itti fayyadama mana fincaanii % 92 irra qaqqabuu fi dhibeewwan hanqina qulqulinaan dhufan hir’isuun danda’amuu eeraniiru.

Waltajicharratti godinaaleen raawwii gaarii galmeessisan hirmaattotaaf muuxannoo qoodaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.