Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara 2017 barattoota miiliyoona 10’f Tajaajilli nyaataa ni kennama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2017 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti Bara barnoota 2017tti barattoota miiliyoona 10 ta’aniif tajaajilli nyaataa kan kennamu ta’uu Biiroon Barnoota naannichaa Beeksise.

Bara baajatichaatti manneen barnootaa kuma 20 keessatti barattoonni idileen duraa fi sadarkaa1ffaa miiliyoonni 10.1 fayyadamoo tajaajila nyaataa akka ta’an Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Girmaa Bayyisaan ibsaniiru.

Manneen barnootaa keessatti bakkeewwan tajaajila  baruuf barsiisuuf hin olleetti hojiillen misooma qonnaa kan hojjetaman ta’uu kaasaniiru.

Bara 2016 barattoonni miiliyoona 6.8 fayyadamoo tajaajila nyaataa ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.