Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti baatiwwan jahan darban Abbootiin Qabeenyaa Kaappitaala Birriii biiliyoona 100 fi Biiliyoona 66 ol galmeessan simataman

Finfinnee, Mudde 26, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti baatiwwan jahan darban Abbootiin qabeenyaa kuma 10 Kaappitaala Birriii biiliyoona 100 fi Biiliyoona 66 ol galmeessan simatamuu Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa beeksise.

Sosochii “Itoophiyaan Haa Oomishtu” Oromiyaan haa Oomishtu” jedhuun walitti fufiinsaan gaggeeffamaa jirun naannichatti jijjiramni qabatamaan jiraachuu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Baatiwwan jahan darban Godinaalee Oromiyaa hunda keessatti mariin sosochii ‘Itiyoophiyaan haa Oomishtuu’ ‘Oromiyaa haa Oomishtuu’ bal’inaan gaggeeffamaa jiraachuu Obbo Ahimad ibsaniiru.

Kanaanis jijjiramni qabatamaan mul’achuu eeruun, abbootii qabeenyaa birattis abdii horuu ibsaniiru.

Baatiwwan jahan darban Kenni tajaajila abbootii qabeenyaa akka fooyyaa’u taasifamuu,Lafa invastimantiif fudhatanii kanneen hojitti hin galiin hojitti akka galan taasifamuus kaasaniiru.

Naannichatti Invastimantii bu’a qabeessa taasisuuf hojii
hojjetameen waliigala hanga ammaatti Pirojektoonni Invastimantii kuma 14 hojitti galuu himaniiru.

Akkasumas Oomishaaleen indaastirii caalmaatti akka ciman taasisuu fi Indaastiriiwwan sababa garaagaraan Oomisha addaan kutan gara Oomishaatti akka galan taasifamuu eeraniiru.

Ciminaa fi hanqina Indaastirii bira jiru adda baasuu fi rakkoolee Manufakcharingii Indaastirii mudatan bu’uurarraa hiikuuf kan hojjetamuu ta’uu ibsaniiru.

baatiwwan jahan darban Pirojektoonni Invastimantii fi Indaastirii kuma 1fi 370 ol gara Omishaatti galuu dubbataniiru.

Baatiwwan jahan darban oomishaalee alatti ergamanirraa galiin Doolara miiliyoona 500 argamuu Obbo Ahimad himaniiru.

Lammiilee kuma 100 ‘fis carraan hojii umamuu Obbo Ahimad dubbataniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.