Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti baatiwwan 10’n darban Hidha Haroomsa Guddichaf Birriin biiliyoonni 1.3 walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti baatiwwan 10’n darban Piroojektii Hidha Haroomsa Guddicha Itiyoophiyaaf Birriin biiliyoonni 1.3 walitti qabamuun ibsameera.
Waajirri Piroojektii Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaa bara kana deeggarsa ijaarsa piroojektii Hidha Haaromsa Guddichaatiif sochii sassaabbii galii taasifamaa tureen baatiwwan kurnan darban keessa bittaa Boondii fi Arjoomaan Birriin Biiliyoonna 1.3 ol sassaabamuu ibseera.
Guyyaaa dhagaan bu’uuraa Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa Itiyoophiyaa kaa’amee eegalee uummanni naannicha humna, qabeenyaa fi beekumsaan gahee isaa bahachaa jiraachuu ibsameera.
Bu’uuruma kanaan dhaloonni haaraan maannen barnootaa keessa jiranis ilaalcha ‘ni danda’ama’ jedhu qabatee Birrii 100’n boondii dhuunfaatti bitachuun ashaaraa mataa isaa akka kaa’uuf barattoonni miiliyoonni 3 fi kumni 840 ol manneen barnootaa naannichaa keessatti argaman waliigala Birrii miiliyoona 384 ol akka bitaniif karoorfamee hojiin eegalamuu Waajirichi beeksiseera.
Hanga ammaattis Birrii miiliyoonni 18 fi kumni 133 ol bitachuu isaanii eereera.
Walumaagalatti waggoota 13 darban keessatti bittaa boondii, Arjoomaa fi ergaa gabaabaan karoora qabameen ol Birriin biliyoonni 7.1 ol walitti qabaamuu ragaan BKOrraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.